Fana: At a Speed of Life!

Hawaasa diyaaspooraa gara biyya dhufaa jiran sirnaan keessummeessuuf qophiin barbaachiisu taasiifamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 30, 2016 (FBC) – Hawaasa diyaaspooraa gara biyya dhufaa jiran sirnaan keessummeessuuf qophiin barbaachiisu taasiifamuu Waajjirri Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa ibse.

Qophicha ilaalchisee Waajjirri Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa fi komishiniin Turizimii Oromiyaa waloon ibsa kennaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dabarse hordofee hawaasa diyaaspooraa gara biyya abbaa isaanii dhufaa jiran sirnaan simachuuf qophiin barbaachiisu taasiifamuu Waajjira Pireezidaantiitti Daayirektarri Dhimma Hirmaannaa Diyaaspooraa Obbo Amiin Jundiin himaniiru.

Hawaasa diyaaspooraa gara biyyaa dhufaniif Mootummaan Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa waliin ta’uun, Imala Irreechaatiin gatii tikkeetii balallii hir’isuu dabalatee, namoota invastimantii irratti hirmaachuu barbaadaniifi biyya isaanitti jiraachuu fedhaniif haalli mijataan addaa ta’e qophaa’uu dubbataniiru.

Diyaaspooraan bakkeewwan turizimii biyya keessatti argaman daawwachuu dabalatee, dhimmoota diinagdee, hawaasummaafi siyaasaa biyyaa irratti hoggantoota olaanoo waliin mari’achuufis haalli mijachuun isaa ibsameera.

Imalli Irreechaa kun diyaaspooraaf carraa aantummaa ummataafi faayidaa biyya abbaa isaaniif qaban itti agarsiisan yoota’u, Irreechi duudhaa Oromoo hunda walitti hidhu waanta’eef harcaatii malee ummanni hundi akka hirmaatu ibsamuu ragaan Waajjira PMNO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.