Fana: At a Speed of Life!

Hawaasa diinagdeen gahoome horachuun Oromiyaa diinagdeen Cimtuu ni ijaarra-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebla 20, 2015 (FBC)- Hawaasa diinagdeen gahoome horachuun Oromiyaa diinagdeen Cimtuu ni ijaarra jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdiisaan, gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin diinagdeen Keenya hunda galeessa akka ta’uuf hojiileen hojjetaman milkaa’aa jiraachuu eeran.

Inisheetiivii Maaddii Guutuun bu’aalee argamaniin, sagantaa Qonna Magaalaa hunda galeessa ta’aa dhufuu yaadachiisan.

Hawaasni duraan Horsiisa loowwan aannanii fi bu’aalee Aannanii omishuu irratti humna fi qabeenya qabuun fayyadamaa akka hinturre kaasanii, yeroo amma Sagantaa Qonna Magaalaatiin Hojii Aannanii, horsiisa Lukkuu fi Kiilleen diinagdee isaa bu’ura cimaarra dhaabaa jira jedhan.

Xiyyeffannaa omisha dammaatiif kennameen waggoottan darban damma baay’inaan gabaa alaatiif erguu eegalamuu kan himan obbo shimallis, hojiilee Ashaaraa Magariisaan dargaggoonni fi kutaaleen hawaasaa biqiltuuwwan, Kudura fi Fuduraa qopheessuun gahee isaanii bahachaa, gama biraatin madda galii isaanii babal’isuurratti akka argaman ibsan.

Waggoottan itti aananitti hojiilee kanneen cimsuun fayyadamtoota hojii kanaa dachaan akka dabalanii fi hawaasa diinagdeen gahoome horaachuun, Oromiyaa diinagdeen Cimtuu ni ijaarra jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.