Fana: At a Speed of Life!

Hawaasa aanichaa hongeen miidhamaniif deeggarsi midhaanii kuntaala 2733  taasifame

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Aanaaleen Godina Arsii Lixaa hawaasa Aanaa Shaallaa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala kuma 2fi 733  tasisan.

Bulchaan Bulchiinsa Godina Arsii Lixaa Obbo Ahmad Hajjii hanqinni roobaa waggoota 3’f walitti fufe hawaasa aanichaa rakkooleedhaaf saaxiluusaa dubbataniiru.

Aanaalee fi bulchiinsotni magaalaa godinichaa hawaasa Aanaa Shaallaatiif deeggarsa midhaan nyaataa gosa garaagaraa Birrii miiliyoona 6 fi kuma dhibba 3tti shallagamu  kuntaala kuma 2fi 733 taasisuu dubbatan.

Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbirruu hawaasni Aanaa Shaallaa har’a rakkoo hongee uumameen dararamaa jiru hawaasa armaan dura ummata rakkateef deeggarsa taasisaa ture; har’a ofiisaaf rakkoodhaaf saaxilame jedhan.

Hawaasa kana  rakkoo isa mudaterraa dandamachiisuuf hojiin hojjatamaa jiru cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Biqilaa Tufaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.