Fana: At a Speed of Life!

Hawaasa Aanaalee Shaashamanneef deeggarsi sanyii filatamaa Birrii miiliyoona 1.2 taasifame

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Aanaalee Shaallaa fi Siraarootti hawaasa hoongeen miidhamaniif Dhaabbanni ANCIDA sanyii filatamaa Birrii miiliyoona 1.2tti tilamamu deeggarsaa taasseera.

Dhaabbatichi hanqina roobaan kanneen oomishni jalaa manca’e sanyii filatamaa boloqqee raabseera.

Hoogganaan Dhaabbata ‘ANCADA’ Obbo Dhaqaboo Daalee, deeggarsii qonnaan bultootaa harka qalleeyyii aanota 3 sababa hongeen sanyiin facaafatan jala manca’e boloqqee filatamaa kuntaala 600 Birrii miliyoona tokkoo oliin bituun akka kennan ibsaniiru.

Waajjira Qonna Godina Arsiilixaatti Ogeessa Calla Guddistuu Obbo Alamaayyahu Damissee, sababa hoongeetiin qonnaan bultoota aanota garaagaraa sanyiin facaafatan jalaa manca’ee mootummaa fi dhaabbileen deeggartoota deeggaraa turuu yaadachiisaniiru.

Qonnaan bultoonnis hanga of danda’anitti dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa akka deeggarsa taasisaniif gaafataniiru.

Jibiriil Huseentu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.