Haroon Wancii naannawaa Tuurizimi ta’uun filatame
Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) – Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Tuurizimii Adduunyyaa 24ffaa magaalaa Ispeen, Maadriidittii taa’aamerratti Haroon Wancii, naannawaa tuurizimii bara 2021 filatamaa ta’uun filatameera.
Harichi mandaroota tuurizimii 170 keessaa dursaa qabachuun filatamuu ifoomeera.
Haroon Wancii, naannawaa tuurizimi filatamaa ta’uun kan filatame qabeenya uumamaa hedduu waan of keessaa qabuuf ta’uu Ministirri Ministeera Tuurizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii himaniiru.
Haroon Wancii, Mandara Tuurizimi ta’uun filatamuusaan baga gammaddan kan jedhan Ambaassadar Naasiseen, qabeenya uumamaa naannichaa kunuunsuun sadarkaa kana irra akka ga’u kan taasisan jiraattota naannichaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu hundaaf galata dhiyeessaniiru.
Qabeenya uumamichaaf beekamtii idil-addunyaa akka kanaa kennamuunsaa kanneen biroof fakkeenya akka ta’uu fi kana caalaatti hojjechuuf kan kakaasu ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan dameelee xiyyeeffannoo olaanaa irratti kenne keessaa tokko damee tuurizimii ta’uu himaniiru.
Maddi :- TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.