Fana: At a Speed of Life!

Harkifamuu Proojektootaaf akka sababaatti kan ilaallamu dhorkaa yeroo mana murtiirratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 21, 2014 (FBC) – Biiroon Haqaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Yuunvarsitii Finfinnee waliin ta’uun rakkoo lafaa fi dhimma lafaa irratti dhorka mana murtiin walqabatee rakkoowwan uumaman furuuf haala dandeessisurratti qorannoo gaggeeffamerratti mariin taasiifamaa jira.

Qorannoo kanarratti dhimmamtoota fi qooda fuudhattootaa waliin Galma Komishinii Diinagdee Afrikaatti mariin gaggeeffamaa jira.

Marii kanarratti Kantibaa Magaalaa Finfinnee addee Adaanach Habeebee dabalatee abbootii seeraa, miseensoonni Koree dhaabbii dhimmoota haqaafi diimookiraasii Mana Marii Bakka Bu’ootaa fi qaamooleen dhimmichi ilaallatu hirmaachaa jiru.

Magaalaan Finfinnee magaalaa guddoo biyyattii, teessoo dippiloomaatootaa ta’uu isheen dhimmoota guddina magaalichaatiif fayyadan irratti marii qorannaa irratti hundaa’e gaggeessuun guddina magaalichaa sadarkaa fooyyee qaburraan gahuuf gargaara jedhan Kantiibaaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee addee Adaanach Abeebeen.

Hojiin biyya guddisuufi misoomsuu hirmaannaa qaamoolee hundaa kan barbaadu ta’uu eeraniiru.

Haabtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.