Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon ummata Ityoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu jiru dabalaa jira- Pireezidaantii Somaaliyaa

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Hariiroon obbolummaa uummata Ityoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu jiru yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuu Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad ibsan.

Somaaliyaatti Ambaasaaddarri guutuun Ityoophiyaa Muktaar Mahaammad xaalayaa mudama isaanii Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammadiif dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaan Somaaliyaatti nagaa fi tasgabbii buusuuf gumaacha taasiifteef Pireezidaanti Hasan Sheek galateeffataniiru.

Hariiroon obbolummaa ummattoota biyyoota lamaanii gidduu jiru nagaa fi tasgabbii buusurra darbee yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaa fi Somaaliyaa duudhaalee garaa garaa kan qooddatan ta’uu Ambaasaaddar Muktaar dubbachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.