Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon loltummaa Itiyoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa cimee itti fufa-Inj. Ayishaa Mahaammad

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC)- Hariiroon loltummaa Itiyoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa cimee kan itti fufu ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad ibsan.

Injiinar Ayishaan, Itiyoophiyaa, Jibuutii fi Sishalsitti Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa fi Bakka Bu’aa Dhaabbii Gamtaa Afrikaa biyyattii Kongi Juungi waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin hariiroo seena qabeessa kan qaban biyyoonni lameen, hariiroo isaanii duraanuu ture haaromsuu fi dhimmoota biyyaalessaarratti walta’iinsaa fi qindoominaan daran hojjechuu akka qaban eeraniiru.

Itiyoophiyaan michuuwwan ishee waliin waloon hojjechuuf sochii karooraan hogganame taasisaa jiraachuu himaniiru.

Ambaasaaddar Kongi Juungi gama isaaniin, seenaan loltummaa Kooriyaa Kibbaa loltoota Itiyoophiyaa waliin kan walhidhate ta’uu ibsuun, biyyi isaanii sadarkaa amma irra jirtuuf gatiin kaffalan yeroo maraa kan leellifamuudha jedhan.

Kanaafis waloon hojjechuu, muuxannoo waljijjiiruu fi walta’iinsa loltummaa taasisuun hojiilee jajjabeeffaman ta’uu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.