Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon Ityoophiyaafi Chaayinaa qajeeltoo bilisummaa imaammataa kan kabajedha- Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa

Finfinnee, Sadaasa 4, 2015(FBC)- Hariiroon tarsiimawaa Ityoophiyaan Chaayinaa waliin qabdu qajeeltoo bilisummaa imaammataa kabajerratti kan hundaa’e ta’uu Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan ibsan.

Sirni eebbaa giddugala beeksisa Misooma Idil Addunyaa guyyaa kaleessaa magaalaa Beejiingitti gaggeeffameera.

Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan haasawaa saganticharratti taasisaniin, hundeeffamni giddugalichaa galmoota waaraa misooma idil addunyaa saffisiisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni idil addunyaa hammattoo imaammata biyyaalessaan harkaa walqabachuun yoo hojjete bu’aan kan argamu ta’uu ibsuusaanii ragaan Chaayinaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Hariiroo tarsiimawaa Ityoophiyaan Chaayinaa waliin qabdu qajeeltoo bilisummaa imaammataa kan kabaje ta’uu eeruun, filannoo moodela bulchiinsaafi misoomaa Chaayinaan uummatashee ni fayyada jettu ni kabajna jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.