Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon Ityoophiyaafi Raashiyaa michummaafi wal amantaarratti kan hundaa’e- Ambaasaaddar Ivjeenii Tareekiin

Finfinnee, Eebla 10 ,2015 9FBC)- Hariiroon Ityoophiyaafi Raashiyaa waggoottan 125 lakkoofsise michummaafi wal amantaarratti kan hundaa’e ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Ambaasaaddar Ivjeenii Tareekiin ibsan.

Hariiroon biyyoota lameenii kan eegale injifannoo Adwaan waggoottan muraasa booda ta’uu kan yaadachiisan ambaasaaddarichi, gareen hakiimotaa Raashiyaa bara 1896 gara Ityoophiyaa dhufuun Ityoophiyaanota waraanarratti madaa’aniif tajaajila wal’aansa fayyaa kennuu ibsaniiru.

Kunis biyyoonni lameen dameewwan hawaasummaafi diinagdeen tumsaan akka waliin hojjetaniif bu’uura kaa’uu addeessaniiru.

Bara faranjootaa 1935 wayita Ityoophiyaan faashistii Xaaliyaaniin weeraramtus Raashiyaan waltajjii Liig Of Neeshinirratti weeraricha hadheeffattee mormuu ibsaniiru.

Biyyoonni lameen hariiroo dippiloomaasii isaanii keessatti haalota gaariifi rakkisoo ta’an dabarsuu kaasuun, daawwannaa Hayilesillaaseen bara faranjootaa 1959 Raashiyaatti taasisan jalqabbii hariiroo dippiloomaasii ammayyaa biyyoota lameeniif bu’uura ta’uu eeraniiru.

Raashiyaan bara warra faranjootaa 1947tti Hospitaala Dajjaazmaach Baalchaa ijaarsisuuf magaalaa Finfinneetti dhagaa bu’uuraa kaa’uu yaadachiisaniiru.

Ijaarsi hospitaalichaa hariiroo uummattoota biyyoota lameenii daran cimsuu kaasaniiru.

Kana malees bara faranjootaa 1966 Inistiitiyuutii Poolii Teekinikaa Baahirdaarfi Hidha Maddisiisa Humna Elektirikaa Malkaa Waakkennaa ijaaruu yaadachiisaniiru.

Bara faranjootaa 1989ttis dhaabbilee barnootaafi leenjii kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti hundeessuun hariiroo gam-lamee uummata biyyattii waliin qabdu cimsuu ibsaniiru.

Carraa barnootaa bilisaa Raashiyaan Ityoophiyaanonni kumni 23 ol sadarkaa barnoota olaanoo isaanii Raashiyaatti barachuu addeessaniiru.

Yeroo ammaas Raashiyaan damee barnootaan tumsa Ityoophiyaa waliin qabdu guddisuu kan barbaaddu ta’uufi Ityoophiyaanotaaf carraa barnoota bilisaa mijeessaa jiraachuu eeraniiru.

Wandiwasn Araggaanyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.