Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon Ityoophiyaa fi Israa’eel baroota kan lakkoofsisee fi seenaa qabeessadha-Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Israa’eel

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2014 (FBC)-Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu  Allebal Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Israa’eel kan ta’aan obbo Alaaliny Adimaasuu waliin mari’ataniiru.

Biyyoota lamaan kan walitti isaan hidhu dhimmoonni hedduu jiraachuu kan ibsan ministirichi, hariirocha gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu himaniiru.

Obbo Malaakuun dhiibbaa biyyoota idil addunyaatin Ityoophiyaarra ga’ee hambisuuf duula ‘No More’ gaggeeffameerratti lammiileen Israa’eel hedduun hirmaachuu kaasuun himaniiru.

Kanaanis tumsa taasisaniif lammiilee Israa’eeliin galateeffataniiru.

Akkasumas waggoottan darbaniif abbootiin qabeenya biyyatti Ityoophiyaatti qabeenya isaanii dhangalaasuun hojiiwwan garaagaraarratti bobba’aanii akka jiraniis kaasaniiru.

Ambaasaaddarichis gama isaaniin hariiroon Ityoophiyaa fi Israa’eel baroota kan lakkoofsisee fi seenaa qabeessadha jechuun himaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.