Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon Ityoophiyaa fi Chaayinaa cimaa fi kan addaan hin cinnedha- Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC) – Hariiroon Ityoophiyaa fi Chaayinaa cimaa fi kan addaan hin cinne ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay ibsan.

Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Ityoophiyaatti Ambaasaddarri Chaayinaa ijaarsa Hospitaala Riiferaalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa magaalaa Bishooftuutti ijaaramaa jiruuf waliigaltee  bu’uuraalee misoomaa laabiraatoorii ammayyaa ijaarsisuu dandeessisu mallatteessaniiru.

Waliigaltecha Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaayii fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zhaa’oo Zhiyuu’aan mallatteessaniiru.

Hariiroon biyyoota lameenii cimaa fi kan addaan hin cinne ta’uu ibsuun waliigaltichi sadarkaa hospitaalichaa kan guddisu ta’uu Dooktar Abrahaam himaniiru.

Ambaasaaddar Zhaa’oo Zhiyuu’aan gamasaaniin hariiroon Ityoophiyaa fi Chaayinaa yeroodhaa gara yerootti guddachaa dhufuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.