Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon gamlamee Itiyoophiyaa fi Mooritaaniyaa cimee akka itti fufu ibsame

 Finfinnee, Bitootessa 8, 2017(FMC) –  Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen yeroo hojii isaanii kan xumuran Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Moriitaaniyaa Kadijjaa Mibaarakiin geggeessan

 Ambaasaaddarattiin yeroo turtii isaaniitti hariiroo dippiloomaasummaa biyyoota lamaanii cimsuuf tattaaffii mul’isaniif pirezidaanti Taayyeen galaeeffataniiru

Yeroo itti aanuttis hariiroon gamhedduu biyyoota lamaanii caalmaatti guddisuuf akka hojjetan gaafataniiru.

Ambaasaaddar Kadijjaa Mibaarak gama isaaniin yeroon turtii isaanii gaarii akka ture kaasanii, hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf hojjechaa akka turan eeraniiru.

Ammas kana caalmaatti cimsuuf akka hojjetan ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.