Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon gamlamee Chaayinaa fi Ityoophiyaan cimee itti fufa-Gorsaa Ministiraa Embaasii Chaayinaa

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC)- Waggoottan kurnaan darban hariiroon gamlamee Chaayinaa fi Ityoophiyaa dameewwan walta’iinsaa hedduurratti saffisaan guddachaa dhufuu Ityoophiyaatti Ministirri Gorsaa Embaasii Chaayinaa Sheen Kiinmiin ibsan.

Sheen Kiinmiin turtii FBC waliin taasisaniin, hariiroon biyyoota lameenii faayidaa waloorratti kan bu’uureffate ta’uu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Chaayinaa Shiin Jiinpiing Ityoophiyaa dabalatee diinagdee biyyoota Afrikaa ni deeggara kan jedhame Pirojektotaa sagal ifoomsuu yaadachisniiru.

Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin dhiyeenya gita isaanii Chaayinaa Kiin Gaang waliin mariin taasisan, walta’iinsa damee hedduu biyyoota gidduutti dagaagaa dhufe cimsuun haala danda’amurratti mari’achuu kaasaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaas abbootii qabeenyaa hedduu hawachuuf hojiilee hojjecha jiru dinqisiifachuun, tattaaffii taasifamaa jiru bu’aa qabeessa taasisuufis waadaa galaniiru.

Kaka’umsi kun pirojektii gama tokkoon utuu hintaane pirojektii walta’iinsaa akka ta’uuf yeroo maraa fedhii ishee ta’uu himan.

Kanaan walqabatee mootumma Ityoophiyaa fi hirmaattota damee diinagdee waliin dameewwa walta’iinsaan hojjechuu Ityoophiyaa ni barbaachisa jedhaman irratti kan hirmaatan ta’uu dubbataniiru.

Hariiroo ardittii waliin jirus wayita kaasan Sheen Kiinmiin, daraggoonni Afrikaa fedhii saayinsii fi teeknolojiin qaban tumsuurratti kan xiyyeeffatamu ta’uu ibsaniiru.

Chaayinaatti waltajjiin walta’iinsa Afrikaa fi Waajjirri Seekireetaariyaatii Koree Hordoffii Injiinariingii Hawaa Chaayinaa, dorgommii fakkii mata duree “My Dream” jedhun qopheessuu ibsaniiru.

Dorgommichi barattootaa Afrikaa jajjabeessuuf akka ta’e eeraniiru.

Kaayyoon dorgommichaas, kennaa dhalootaa haaraa irratti yaada maddisiisuun Ityoophiyaattis ta’e misoomaa fi badhaadhina Afrikaa deeggaruuf ta’uu eeraniiru.

Saayinsii Hawaarratti kan xiyyeeffate dorgommiin fakkii, barattoonni Afrikaa mul’ata akka qabaatanii fi dandeettiii isaanii akka guddisan carraa kan uumuu ta’uu dubbataniiru.

Wandasan Araggaahaanyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.