Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon damee Ayiveeshinii Ityoophiyaa fi Jiibuutii cimee itti fufa – Aadde Daagmaawiit Magos

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojastiksii Aadde Daagmaawiit Magos Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Jiibuutii Mahaammuud Iyyaabeen waliin mari’ataniiru.
Hariiroon damee Ayiveeshinii Ityoophiyaa fi Jiibuutii barootaaf kan ture waliitti dhufeenya obbolummaa ta’uu Aadde Daagmaawiit kaasaniiru.
Hariiroon biyyoota lamaanii damee hundaan cimaa ta’uu ibsaniiru.
Keessattuu tumsi gama damee Ayiveeshiniin ijaarrame naannichaafis carraa guddaadha jedhaniiru.
Kunis cimee itti fufa jechuun ibsaniiru.
Ambaasaaddar Mahaammuud gama isaaniin, walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii damee Hawaasummaa fi Diinagdee daraan olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Tumsa damee Ayiveeshinii biyyoota lamaanii ilaalchisee Daayrektarri olaanaan Siiviil Ayiveeshinii Ityoophiyaa obbo Geetaachoo Mangifteen ibsa taasiisuu isaanii ragaan Fuula Ministeerichaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.