Hariiroon daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa fi Indooneezhiyaa dabalaa dhufuu ibsame
Finfinnee, Eebila, 2014 (FBC) – Hariiroon daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa fi Indooneezhiyaa dabalaa dhufuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Indooneezhiyaa Al Busyiraan ibsan.
Hariiroon dippiloomaasii biyyoota lameenii gama maraan guddachaa dhufuu ambaasaaddarichi eeraniiru.
Hariiroon biyyoota lameenii keessumaa gama diinagdeen cimaa dhufuu ibsuun waggaa darbe waljijjiirraan daldalaa Doolaarri miiliyoonni 70 taasifamuu kaasaniiru.
Hariiroo daldalaa biyyoota lameenii daran cimsuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Abbootiin qabeenyaa Indooneezhiyaa Ityoophiyaatti damee hojii garaagaraarratti hirmaachuuf haalli mijataan jiraachuu addeessaniiru.
Dippiloomaasiin Indooneezhiyaa %80 dhimmoota diinagdeerratti kan xiyyeeffatu ta’uu himaniiru.
Biyyisaanii oomishaalee kanneen akka jirbii, mi’eessituuwwan garaagaraa, gogaa fi buna baayyinaan Ityoophiyaarraa kan bittu ta’uu dubbataniiru.
Ityoophiyaan ammoo oomishaalee kanneen akka Zayitaa, Saamunaa, Waraqaa, meeshaalee elektirooniksii fi dibatawwan garaagaraa Indooneezhiyaarraa kan galchitu ta’uu eeraniiru.
Damee barnootaanis yuunvarsiitiiwwan Indooneezhiyaa hedduun yuunvarsiitiiwwan Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii kan qaban ta’uu ibsaniiru.
Maddi:- TOI
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.