Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon Chaayinaa fi Raashiyaa fakkeenya hariiroo idil addunyaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Hariiroon Chaayinaa fi Raashiyaa fakkeenya hariiroo idil addunyaa ta’uu ibsameera.

Biyyoonni lameenii hojii weerara vaayrasii koroonaa waliin ittisuu fi dameewwan biroon waliin hojjetaniin hariiroon isaanii daran guddachaa dhufuu ibsameera.

Preezdaantonni biyyoota lameenii marii gama intarneetaan taasisaniin biyyoonni lameen gama maraan wal tumsaa waliin hojjechuuf kaka’umsa godhachuu ibsaniiru.

Tattaaffii chaayinaan faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuuf taasistuuf deeggarsa Raashiyaan  taasistuu Preezdaantiin Chaayinaa shiijiinpiing dinqisiifataniiru.

Biyyoonni lameen fayidaa waloorratti qindoominaan kan waliin hojjetanii fi wal deeggaruun kabaja biyyaalessaa isaanii kan kabachiisan ta’uu eeraniiru.

Bara 2021tti biyyoota lameen gidduutti hariiroon siyaasaa cimaan uumamuu fi gama diinagdeenis walitti hidhamiinsa daldalaa cimaa uumuu ibsameera.

Ajandaa guddinaa bara 2030 Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin kaa’ame mirkaneessuuf biyyoonni lameen kan waliin hojjetan ta’uu Preezdaant Shiijiinpiing ibsaniiru.

Hariiroo biyyoota lameeniis fakkeenya hariiroo idil addunyaa jaarraa 21ffaa jechuun jajaniiru.

Maddi:- CGTN

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.