Hariiroon Amantaalee hundaa waliin qabnu hariiroo dhaabbatummaa fi qajeeltoo Seekulaariizimii eegudha- Aadde Adaanech Abeebee
Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC)- Hariiroon Amantaalee hunda waliin qabnu hariiroo dhaabbatummaa fi qajeeltoo Seekulaariizimii eegudha jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech gabaasa raawwii baatiiwwan 6 darbaniirratti gaaffii fi yaada miseensota mana mare Magaalichaarraa ka’aniif deebii kennaniiru.
Magaalli Finfinnee nagaadha kan jennu karoora qabame waliin wal bira qabamee yoommuu ilaallu hojiin milkaa’inaa hojjetamuu, haa ta’uti immoo yakka hambisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojiilee baay’een hin hafu jedhaniiru.
Humnoota nageenya ilaalchisee hojiin galateeffamu hojjetamuu kaasaniiru.
Hariiroo amantaa fi mootummaa irratti ibsa bal’aa kennaniin namoonni tokko tokko mootummaan jijjiiramaa amantaaf ilaalchaa badaa akka waan qabutti dhiyeessu jedhaniiru.
Dhugaan jiru garuu faallaa ta’uu ibsaniiru.
Amantii kamiyyuu keessaatti garee hawaasaa gurmeessine hin jirru jedhaniiru.
Ajaandaawwan dhimmoota nageenyaa fi biyyaa irratti kan waliin hojjetan kan jiran ta’uu eeraniiru.
Amantiin daangaa mootummaa osoo hin darbiin, mootummaanis daangaa amantaalee osoo hin darbiin wal deeggarra jedhan.
Hundi keenyayyuu amantii mataa keenyaa yoo qabaneyyuu hunduma walqixxummaa fi haqummaan ni keessummeessina jedhaniiru.
Akka mootummaatti wantoota biyyaaf hambaa ta’an karaa biyyaa fayyaduu danda’an irratti kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.
Waggoottan sadan darbanitti dhaabbileen amantaa bakka nu affeeranitti akka mootummaatti kabajaa fi ulfinaan argamneerra jedhan.
Keessumaa bakkeewwan ayyaanonni kabajamanitti kennaawwan kennuun, qulqulliinni akka gaggeeffamu taasisuun, waldanda’uu fi tokkummaan akka jiraatuuf xiyyeffannoo kennuun hojjechuu ibsaniiru.
Karaawwan garaagaraa waltumsuun waliin hojjechaa turuu
Ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.