Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo Ummatoota ollaa Naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz cimsuuf mari’atame

Finfinnee, Mudde 24, 2017 (FMC)- Hariiroo Ummatoota ollaa Naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz cimsuuf kan kaayyeeffate waltajjiin marii gaggeeffameera.

Waltajjii marichaarratti hayyoonni siyaasaa, qondaaltonni Raayya Ittisa Biyyaa fi qaamoleen nageenyaa naannolee argamaniiru.

Hariiroo ummataa fi ummataa, misoomaa fi nageenya waaraan mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamuu akka qabu ibsameera.

Ajajaa Itti Aanaan Tajaajilaa Deeggarsa Loltummaa Ajaja Lixaa Meejer Jeneraal Mulaat Jalduu, humnoonni seeraan alaa biyyaa keessaa diinota seenaa walta’uun tokkummaa hawaasa naannawichaa diiguu fi bu’uuraalee misoomaa waloo mancaasuuf sochiin taasisaan to’atamuu akka qabu ibsan.

Humna milishaa leenjisuun bobbaasuun hojiileen misoomaa akka hingufanne fi nageenya fooyya’aa dhufaa jiru akka itti fufuuf mootumman xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru kaasaniiru.

Hogganaan Itti Aanaan Damee Ijaarsaa Nageenyaa fi Tasgabbii Naannoo Oromiyaa Obbo Haayiluu Gurmeessaa, ummanni naannolee lamaan waldaangessan jiraatan duudhaa waliin jireenyaa qaban itti fufsisuuf misoomaa fi nageenya waaraan walitti hidhuu akka barbachisu himaniiru.

Humnoonni keessa, humnoota alaa waliin ta’uun ummatoota naannolee lameen gidduutti walitti bu’iinsa uumuu fi qoqqooduuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu yaadachiisanii, shira diinotaa fashaleessuuf hunduu waliin hojjechuu akka qabu akeekaniiru.

Hogganaan damee ijaarsa nageenyaa fi tasgabbii Naannoo Beenishaangul Obbo Biiniyaam Mangashaan gama isaaniin, ummanni naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul hariiroon dhiigaan walitti hidhame kan qabniidha jedhan.

Hariiroo qajeeltoo waldeeggarsaarratti bu’ureffate cimee akka itti fufuuf hoggantoonni naannolee fi caasaan nageenyaa qindoominaan hojjechuu akka qaban kaasuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.