Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo mootummaa federalaa fi naannolee jaarmessuuf haammattoowwan seeraa qophaa’aa jiru- Mana Maree Federeeshinii

Finfinnee,Gurraandhala 16, 2014 (FBC) – Hariiroo mootummaa federalaa fi naannolee jaarmessuuf haammattoowwan seeraa qophaa’aa jiraachuu Manni Maree Federeeshinii beeksise.

Manni marechaa fi dhaabbanni Fooram oof Federeeshin waliin ta’uun waltajjii marii kallattii fuula duraa hariiroo mootummaa federaalaa fi naannoleerratti kan xiyyeeffate magaalaa Adaamaatti gaggeessaniiru.

Waltajjichi hammattoowwan seeraa qopheessuun mariif dhiyeessuurratti kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Federaaliizimii sab-daneessa dhugoomsuuf hariiroon mootummaa federaalaa fi naannolee jaarmiyeeffamuu akka qabu Ittaantuun Afyaa’ii mana marechaa aadde Zahaaraa Uumad waltajjicharratti argamuun ibsaniiru.

Waggoottan 27 darbanitti hariiroon mootummaa federaalaa fi naannolee gidduu ture bakki sirriin kan hin laatamneef, seeraa fi hojiimaata kan hin hordofne fi qajeeltoowwanii fi duudhaalee mootummaa federaalaan kan wal faallessan ta’uu eeraniiru.

Sababa kanaa sirni federaalaa dhugaan hojiirra osoo hin ooliin hafuu kaasaniiru.

Hariiroo mootummoota jaarmiyeessuuf manni marichaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu ibsuun hojiirra oolmaasaaf haammattoowwan imaammataa fi seeraa qopheesuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hariiroo mootummaa federaalaa fi naannolee cimsuuf fooramiiwwan hundaa’an gara hojiitti akka seenaniif hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Preezdaantiin Fooram Oof Federeeshin obbo Dasaa Bulchaan gamasaaniin sirni federaalaa akka jabaatuuf Mana Maree Federeeshinii waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Saba, sab-lammootaa fi uummattoota gidduutti qoqqoodiinsi qabeenyaa haqa qabeessi akka jiraatuuf, gidduu isaaniitti waldorgommii fayyaalessi, Misoomnii fi guddinni akka mirkanaa’uuf hariirichi cimuun faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

Federaaliizimii sab-daneessaa fi tokkummaa uummattootaa bu’uura cimaarra dhaabuuf, lammiileen maree biyyaalessaa eegalamurratti hirmaannaa ho’aa akka taasisanii fi biyya hundaaf mijattuu taate dhugoomsuuf fooramichi mootummaa federaalaa fi naannolee waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.