Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo Ityoophiyaa waliin qabnu cimsinee itti fufuu ni barbaanna – Seenaatar Federeeshinii Raashiyaa

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar jila Federeeshinii Raashiyaa Seenaatara Ayigoor Mooroozooviin durfamuun waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaa fi Raashiyaan hariiroo seenaa qabeessa waggoota 123 ol lakkoofsise kan qaban ta’uu ibsameera.

Biyyoonni lamaan hariiroo gama Diinagdee, Siyaasaa fi Hawaasummaan qaban cimsanii itti fufuu eerameera.

Federeeshiniin Raashiyaa waggoota hedduuf damee barnootaa, Saayinsii fi Teeknooloojii,ijaarsa dandeettiin deeggarsi Ityoophiyaaf taasiise kan dinqisiifamu ta’uu obbo Aganyahu Tashaagar ibsaniiru.

Raashiyaan mana maree nageenyaa fi waltajjii biroorratti Ityoophiyaa deeggaruun michummaa dhugaa mootummaa fi ummata Ityoophiyaaf qabdu agarsiifte yoomiiyyuu kan hin dagatamne ta’uu obbo Aganyahu Tashaagar Seenaatarichaaf ibsaniiru.

Seenaatar Ayigoor Mooroozooviin gama isaaniin Walitti dhufeenyi Ityoophiyaa fi Raashiyaa seenaa qabeessa ta’uu ibsuun, hariiroo gaarii Ityoophiyaa waliin qaban cimsanii itti fufuu kan barbaadan ta’uu eeraniiru.

Waldhabdee Raashiyaa fi Yuukreen giddutti uumame ilaalchisee obbo Aganyahu Tashaagariif ibsa taasiisaniiru.

Waldhabdeen biyyoota lamaan gidduutti uumame karaa nagaa fi mariin akka furamu abdii qabaachuu obbo Aganyahu Tashaagar ibsuu ragaan Mana Maree Federeeshinirraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.