Hariiroo Ityoophiyaa fi Jibuutii cimsuuf kan kaayyeffate imalli baaburaa taasifame
Finfinnee, Waxabajjii 25, 2015 (FBC)-Hariiroo Ityoophiyaa fi Jibuutii cimsuuf kan kaayyeffate imalli baaburaa Jibuuttiirraa gara Ityoophiyaatti taasifame.
Qopheessummaa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) fi Embaasii Ityoophiyaan gareen jilaa Jibuutii 100 ta’an gara Ityoophiyaatti imalaniiru.
Kaayyoon imalichaa ilaalchisuun haasawaa kan taasisan Jibuutiittii Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayeen imalichi faayidaa hedduu akka qabu himaniiru.
Hariiroo seena qabeessaa ummattootaa biyyoota lameenii, gama aadaan, hawaasummaa fi diinagdeen cimsuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Barreessaa Olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoo gama isaaniin, biyyoota miseensotaa dhaabbatichaarraa addatti hariiroo gaarii kan qaban biyyoonni lameen sirnoota akkanaa cimsuu akka qaban ibsaniiru.
Addis Taammiraatitu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.