Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo Itiyoophiyaa fi Giriik caalmaatti cimsuuf hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2016 (FBC) – Hariiroo bara dheeraa Itiyoophiyaa fi Giriik caalmaatti cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti mariin gaggeeffame.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Giriik Annaa Faaruu waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.

Hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamaanii fayyadamummaa waloorratti hundaa’e caalmaatti cimsuuf hojjetamuu akka qabu Ambaasaaddar Misgaanuun ibsaniiru.

Hariiroo seenaa qabeessa kana caalmaatti guddisuu fi babal’isuuf waloon hojjechuun murteessaa ta’uu Ambaasaaddar Annaa Faaruun himaniiru.

Hariiroo waloo siyaasaa, Diinagdee fi hawaasummaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf Ambaasaaddar Misgaanuun Giriik akka daawwatan affeeraniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuun affeerraa taasiifameef fudhachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.