Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo Ejensii Tumsa Misooma Idil-addunyaa Ityoophiyaa fi Chaayinaa gidduu jiru cimsuuf mariin gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) – Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaan itti aanaan daayrektarri qajeelcha dhimmoota naannawaa Ejansii Tumsa Misooma Idil-addunyaa Chaayinaa Zhiing Liihuun waliin mari’ataniiru.

Marichi Hariiroo Ejensii Tumsa Misooma Idil-addunyaa Ityoophiyaa fi Chaayinaa gidduu jiru cimsuuf ta’uu ibsameera.

Biyyoonni lamaan hariiroo dippiloomaasii cimaa walakkaa jaarraa lakkoofsiise qabaachuu Ambaasaaddar Tashoomaan eeraniiru.

Ambaasaaddar Tashoomaan, mootummaan Chaayinaa deeggarsa misoomaa hunda galeessaa fi deeggarsa namoomaa Ityoophiyaaf taasiisaa jiru maqaa ummata biyyattiin galateeffataniiru.

Zhiing Liihuun gama isaaniin, Chaayinaan hariiroo cimaa biyyoota lamaan gidduu jiru caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoo addaa kan laattu ta’uu dubbataniiru.

Hariiroon dippiloomaasii Chaayinaa fi Ityoophiyaa bara Faranjootaa 1970 kan eegale yoo ta’u, Chaayinaan yeroo sanaa eegaltee Ityoophiyaaf deeggarsa hunda galeessa taasiisaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Imbaasichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.