Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo dippiloomasii Jibuutii fi Ityoophiyaa cimsuuf Sagantaan Ashaaraa Magariisaa gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2015 (FBC)- Qaama sagantaa hariiroo dipplomaasii Ityoophiyaa fi Jibuutii cimsuu kan ta’e Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Dirree Dhawaatti gaggeefameera.

Saganticharratti Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Jibuutii Siiraaj Umar argamaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar akka jedhaniitti, fuulduratti biqiltuuwwan kuma 400 Jibuutiidhaaf kennuuf karoorfameera.

Sagantaan akkanaa hariiroo biyyoota lameenii caalmaatti cimsuuf kan tumsuudha jedhameera.

Ministirri Ministeera Dhimma Biyya Keessa Jibuutii Siraaj Umar, gama isaaniin simannaan taasifameef argisiistuu cimina hariiroo dipploomaasii keenyaati jedhan.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeefamerratti hirmaachuu isaaniin gammachuu itti dhagahame himaniiru.

Jiilichi turtii isaa Magaala Dirree Dhawaatti taasisuun pirojektoota garaagaraa ni daawwataan eegama.

Addis Tammiraatitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.