Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo daldalaa Ityoophiyaa fi Somaaliyaa caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) –Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa Hasan Mahaammad jila Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Soomaaliyaa Abdullaahii Ahimadiin durfamu waliin mari’ataniiru.

Obbo Hasan Mahaammad, dhimmoonni daldalaa biyyoota lamaan walitti hidhan hedduun jiraachuu ibsuun, walitti hidhamiinsa gaarii kana gara fayyadamummaa walootti jijjiiruun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa sirna daldala biyyattii ammayyeessuu, si’ataa fi dorgomaa taasiisuun hariiroo daldala alaa guddisuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Soomaaliyaa Abdullaahii Ahimad gama isaaniin, mootummaan Somaaliyaa hariiroo daldalaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf murannoo cimaa qabaachuu himaniiru.

Biyyoonni lamaan hariiroo daldalaa caalmaatti cimsuuf saffisaan gara hojii qabatamaatti galuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuun waliigalteerra ga’uu isaanii ragaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Daldalaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.