Fana: At a Speed of Life!

Har’as fuuldurattis Itiyoophiyaan wareegamaan cimtee ni jiraatti-TKM

Finfinnee, Guraandhala 12, 2016 (FBC)-Har’as fuuldurattis Itiyoophiyaan wareegamaan cimtee ni jiraatti jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
 
Tajaajilichi ibsa baaseen, Itiyoophiyaan biyya ummatoota seenaa qabsoo waloon daangaa fi alaabaa ishee kabachiisaniifi duudhaa qabaniiti jedheera.
 
Wareegamni kaffalamu hundi kabajaa fi alaabaa ishee kan ol kaasaan gootota kan qabaachaa turte, har’as kan qabduu fi fuuldurattis qabaattu ta’uu ibseera.
 
Biyyi isaanii wayita tuqamtu gamtaan birmadummaa biyya isaanii eegsisuun seenaa boonsaa Itiyoophiyaanotaa dhalootaan itti fufee ta’uu himeera.
 
Faashistiin Xaaliyaanii bara gita bittaa injifatamuu Aduwaarratti mudateen haaloo ba’uuf, bara 1928 irra deebiin yaalii weeraraa taasisee akka ture yaadachiisuun, weerara waggoota shaniif tureen guutuu Itiyoophiyaatti goototaan falmii jabaan akka mudateenii ture ibseera.
 
Faallaa kanaan Dursaan Faashitiin Xaaliyaanii Giraaziyaaniin waan itti tolee taa’ee fakkaatee irra deddeebiin yaalii taasisaa turuu eeruun, yaalii kanaanis Finfinnetti sagantaa tokko qopheessee turuu beeksiseera.
 
Saganticharrattis gootonni Itiyoophiyaa Giraaziyaanii irratti haleellaa boombii raawwataniiru.
 
Injifatamuu Adwaatti mudateen haaloo bahachuufis sababa dabalataa kan argatee Faashistiin haleellaa haaloo bahumsaa ajjeechaa jumlaa labse.
 
Haaluma kanaan Guraandhala 12, 1929 Finfinnee qofaatti lammiileen nagaa kuma 30 ol ajjeefaman.
 
Yaadannoon wareegamaa kun bara yeroo 87ffaan kabajameera.
 
Itiyoophiyaanonni umrii, korniyaa, amantaa, sabummaan utuu walhinqoodiin waa’ee Itiyoophiyaaf waan wareegamaniif ni yaadatamu jedheera.
 
Biyya keenya wareegama waloon itti kaffalamee fi wareegama goototaan dhaloota dhufutti kan hidhame qaama seenaa kan ta’e hanga har’aatti kan leellifamu ta’uu ibseera.
 
Itiyoophiyaan dhiigaa fi lafee Itiyoophiyaanotaan kan ijaaramte bu’aa wareegama keenyaa waan taateef, Itiyoophiyaanonni haleellaa gara jabinaa kanaan warraaqsa qabsiisuun Faashistii Xaaliyaanii bara 1933 gamtaan ofirraa qolachuu akka danda’an eereera.
 
Ammallee birmadummaa fi tokkummaan bulchiinsa Itiyoophiyaa kan kabajan, tokkummaa sabdaneessummaa kan bu’uuressan, wabii nyaataan of danda’uun birmadummaa ishee kan mirkaneessan, seenaawwan waloo irratti gootota cichoo dameewwan hundaan horachaa akka jirtu kaaseera.
 
Tokkoon tokkoo lammii Itiyoophiyaas qaama gootummaa biyyaalessaa kanaa akka ta’u waamichaa dhiyeesseera.
 
Injifannoo fi bilisuummaa keenyaan boonaa wareegama kaffalame yaadachaa Itiyoophiyaa sodaatamtuu fi kabajamte dhalootaaf haa dabarsinu jechuun tajaajilichi ibsa isaan dhaameera.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.