Har’arraa eegalee guyyoota 3f fuulli miidiyaa hawaasa Boordii Filannoo gaafadhaa jedhuu qopha’uu ibsame
Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC)- Har’arraa eegalee walitti fufiinsaan guyyoota 3f fuulli miidiyaa hawaasa Boordii Filannoo gaafadhaa jedhuu qopha’uu ibsameera.
Boordiichaaf fuula miidiyaa hawaasatiin gaafiwwan dhimmoota filannoo ilaallataan qofaa guyyoota sadiif dhiyeessuun ni danda’aama.
Gaafiwwanii fi yaadota fuula miidiyaa hawaasa bordichaarratti erguun ni danda’ama jedhameera.
Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Birtukaan Miidhagsaa Kamisaa Amajjii 27, 2013 gaafiwwan fuula miidiyaa hawaasichaarrati dhiiyataaniif deebii ni laatu jedhameet eegama.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.