Fana: At a Speed of Life!

Harariitti obbolaan lama boollatti kufuun lubbuun isaanii darbe

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC) –Naannoo Hararii aanaa Dirree Xiyyaaratti Obboleettiwwan lama boolla bishaaniitti kufuun lubbuun isaanii darbuu ibsame.

Naannoo Hararii Aanaa Dirree Xiyyaaraa Ganda Baalaa jedhamutti obbolaan durbaa lama Bishaan waraabuuf wayita yaalan boolla bishaaniitti kufuun lubbuun isaanii darbu Ajajaan Waajjira Poolisii aanaa Komaandar Ibsaan himaniiru.

Isheen tokko Bishaan waraabuuf boolla wayita seentu isheen 2ffaan kan dura seente baasuuf boolla seenuun lubbuun lamaanuu darbuu Komaandar Ibsaan himaniiru.

Guddattuuwwan umriin isaanii waggaa 7 fi 11 ta’uu eeraniiru.

Aanichatti lubbuun daa’immanii haala walfakkaatuun irra deddeebiin darbaa waan jiruuf hawaasni of eeggannoo akka taasiisan hubachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.