Fana: At a Speed of Life!

Harargee Lixaatti pirojeektoonni bishaan dhugaatii fi Finnaa Birrii miiliyoona 606 hojjetaman eebbifaman

Finfinnee, Hagayya 27, 2015 (FBC) –Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Baadiyyaa Oromiyaa Obbo Abdurrahamaan Abdallaan durfamu Godina Harargee Lixaatti piroojektoota bishaan dhugaatii fi Finnaa Birrii miiliyoona 606 hojjetaman eebbisiiseera.

Godinichatti piroojeektiin bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 168 oliin hojjetame fi pirojeektiin Finnaa Birrii miiliyoona 438n hojjetame eebbisiseera.

Piroojektoonni finnaa baajata guddaan hojjetaa jiru keessaa Piroojektiin finnaa Goda callee aanaa horsiisee bulaa Gumbii Bordoddeetti hojjetame rakkoolee hanqina bishaanii naannoo sana ture furuurra darbee hojii qonna jallisiif kan oolu ta’uu Obbo Abdurrahamaan himuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godinachaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.