Harargee Lixaa simannaa waancaa hidha haaroomsaa sababeeffachuun Bittaan Boondii Birrii miiliyoona 38.3 oli gaggeeffam
Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaatti simannaa waancaa hidha haaromsaa bara torbee tokkoof godinicha keessa ture sababeefachuun bittaan boondii Birrii miiliyoona 38 fi kuma dhibba 3 olii raawwatamuu ibsameera.
Simannaan waancaa hidha haaroomsaa torbee tokkoo oli Godinicha keessa naannawaan ture sadarkaa godinaatti goolabbii argatee Godina Sh/Bahaatiif dabarfameera.
Godinni Harargee Lixaa gama hundaan injiffannoo itti fufiinsa qabu galmeessuun isaa ummata gootaa fi hoggansa kutataa waan hunda jijjiiru qabaachuu isaa ta’uu bulchituun godinichaa Aaddee Ekraam Xahaan ibsaniiru.
Godinichi hanga ammaatti arjoomaa fi bittaa boondiin Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 56 fi kuma dhibba 4 ol deeggarsa taasiisuu ibsaniiru.
Uummata godinichaa bittaa boondii kana keessatti gumaacha qaban hunda galateeffataniiru.
Waancaan hidha haaroomsaa turtii torbee tokkoon booda jila hoggansa Godina Shawaa Bahaatiif dabarfamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.