Fana: At a Speed of Life!

Harargee Lixaa Aanaa Cirootti Proojektoonni misoomaa 11 eebbifaman

Finfinnee, Adooleessa 5, 2013 (FBC) – Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirooitti Proojektiin misoomaa garaagaraa 11 Birrii miiliyoona 67 oliin hojjetaman eebbifamaniiru.
Proojketii Bishaan Dhugaattii Galma Caffee ,Riqichi Laga Bakaa dabalatee proojektoonni 11 eebbifamuu ibsameera.
Mootummaan jijjiiramaa yoomiyyuu caalaa xiyyeefannoo olaannaan fedhii fi faayidaa ummatichaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu itti aantuun Bulchaan Godina Harargee Lixaa aadde Akraam Xahaan ibsaniiru.
Proojektoonni Aanaa Cirootti birrii miliyoona 67 oliin hojjetamanii eebbisaan kunneen aantummaa fi kutannoo Mootummaan jijjiiramaa dantaa fi faayidaa ummataa galmaan ga’uuf hojjataa jiruuf ragaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Bulchaan Aanaa Ciroo Obboo Iskandar Ahimad gama isaaniin, fayyadamummaa ummata Aanaa Ciroo milkeessuun waggootan sadan darbanitti injifannoo gurguddoo galmeessaa jiruuf Bishaan Dhugaattii Galma Caffee fi Riqichi Bakaa yeroo gabaabaatti xumuramanii eebbaaf geesisuun ragaa guddaadha jechuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Godina Hararge Lixaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.