Harargee Bahaatti bara 2014f barattoota miiliyoona 1fi kuma dhibba 2 ol galmeessuuf hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Hagayya 26, 2013 (FBC) – Godina Harargee Bahatti bara 2014f barattoota miiliyoona 1fi kuma dhibba 2 ol galmeessuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirrii Barnoota godinichaa Beeksisee.
Jilli Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantii Qindeessaa Kilaastera Hawaasummaa Oromiyaa obbo Addisuu Araggaan durfamuu halaa galmeen barattootaa irraa jiru daawwateera.
Akka Godinichaatti bara 2014f barattoota miiliyoona 1.2 galmeessuuf Karoorfame keessaa hanga har’aatti barattoonni kumni dhibbi 2 ol galma’uu ragaan Waajjira Barnootichaa godinichaarra argamee ni muul’isa.
Bulchaan Godina Harargee Bahaa obbo Huseen Fayyisoo karoora waliin ga’iinsa manneen barnoota mootumman qabate milkeessuuf akka godinichaatti hirmaannaa ummataa Birrii miiliyoona dhibba 3n dareen dabalataa ijaarramaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka naannoo Oromiyaattii barana Manneen barnootaa kuma 16 ol keessatti barattootaa miiliyoona 11.7 gara mana barnootaatti galchuuf hojjetamaa jiraachuu Itti aanaa Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa obbo Alamaayyoohu Asaffaa himaniiru.
Akkuma manneen barnootaa irraatti xiyyeeffanne qulqullina barnootaa irraattis ni hojjenna jedhan obbo Addisuu Araggaan.
Jilli kun Godina Harargee Bahaa Aanaa Babbileettis Mana Barnootaa Ifaatti haala galmee barattootaa daawwachuu OBN gabaaseera.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.