Fana: At a Speed of Life!

Harargee Bahaatti balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Qaammee 1, 2014 (FBC) – Godina Harargee Bahaa Aanaa Gurawaatti balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 4 darbuu Waajjirri Poolisii Aanichaa beeksiise.
Konkolaataan ‘ISUZU’ jedhamu Aanaa Haramaayaa irraa gara Aanaa Gurawaa imaltootaa fi meeshaalee fe’ee imalaa ture iddoo Gaambeellaa jedhamutti garagaruun lubbuu namoota 4 yoo galaafatu, namoota 5 miidhaa cimaa fi namoota 5 irra ammoo miidhaa salphaa qaqqabsiisuu Itti aanaan Daayrektara Waajjira Poolisii Aanichaa gargaaraan Inispeektaraa Shittaa Tasammaan ibsaniiru.
Ka’umsi balicha ariitii seeraan alaa ta’uu eeruu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.