Fana: At a Speed of Life!

Harargee Bahaa fi Arsiitti murtoo fi kallattiiwwan yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaarratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Godina Harargee Bahaa fi Arsiitti murtoo fi kallattiiwwan yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaarratti mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Kutaaleen hawaasaa fi hoggantoonni aanaalee fi magaaloota godina kanneeniin waltajjii kanarratti hirmaachaa jiru jedhame.
Waltajjiin ummataa kun mootummaan gaaffii ummataa kallattiin hubachuun furmaata waaraa akka kaa’uuf kan gargaaru ta’uu Bulchituun godina Harargee Bahaa Aadde Miiskii Abdallaa ibsaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa rakkoolee jiran furuuf hawaasa waliin ta’uun tarkaanfii barbaachisan kan fudhatu ta’uu kaasaniiru.
Paartiin Badhaadhina,paartii rakkoo keessaaf alaa seenaa biyyattii keessatti muudatee hin beekne injifatee biyya diiggamuurraa baraare ta’uu Bulchaan Godina Arsii obbo Muusaa Furoo ibsaniiru.
Badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf rakkoo uummataa dhaggeffachuun furuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Keessattuu rakkoo qaala’iinsa jireenyaa fi nageenyaa furuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira jedhan.
Aliyyii Gammachuu fi Iyyoonaadab Andu’aalemtu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.