Fana: At a Speed of Life!

Hararge Lixaa Aanaalee 15tti lafti heektaara Kuma 200 olirratti sululli ni misooma jedhame

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Godina Hararge Lixaa Aanaalee 15 keessatti lafti heektaara kuma 200 irratti hojiin misooma sululaa ni gaggeeffama jedhame.

Guyyaa haraa labsii hojii misooma sulula godinicha Aanaa Habroo Gaara Addoo irratti eegalameera.

Waggootan darban hirmaanaa hawaasaan hojiileen misoomaa sululaa hojjetamaniin dhiqamni biyyee akka hir’aatu ta’eera jedhame.

Kana malees Haroo Carcar dabalatee haroowwan gogan bishaan burqisiisuu eegalaniiru.

Aanoolee godinichaa hundatti sululli 455tti, daagaa garaagaraa ni hojjetamuu jedhan Itti Gaafatamaa Waajiraa Qonnaa Godina Haraarge Lixaa Obbo Bushuraa Ahimad.

Hogganaa Ittaanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Toleraa Dabalaa gama isaanii sadarkaa Naannoo Oromiyaatti hojii misoomaa sululaan bara kana lafti heektaraa miliyoonaa 3.2 ni misooma jedhan.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.