Fana: At a Speed of Life!

Har’aa eegale namni kamiiyuu haguuggii fuulaa fayyadamuun dirqama ta’uu himame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2012 (FBC) – Har’aa eegalee namni tokko yeroo manaa ba’u haguuggii fuulaa malee socho’uu akka hin dandeenya qajeelfamni dirqisiisu ragga’e.
 
Guyyaa har’aa eegalee iddoo hundatti namni kamiiyuu haguuggii fuulaa malee socho’uu akka hin dandeenyi qajeelfamni dirqisiisuu ragga’uu Haati Alangaa Waliigalaa aadde Adaanachi Abeebee beeksisan
 
Dagannaa fi maal nadhibeen Biraaziiliitti muul’ate gatii guddaa kaffalchiisuu kan eeran aadde Adaanachi, ammaan booda seera jabeessuun dirqama ta’uu ibsaniiru.
 
Ofiif, maatiif, lammii fi biyyaaf jecha dogongorarraa barachuun of eeggannoo cimaan akka barbaachisu Fuula Feesbuukii isaaniin ergaa dabarsaniiru.
 
Hawaasni ofiif jecha qajeelfama mootummaa fi ogeeyyiin darbu of eeggannoon hojiirra oolchuu qaba jedhan Haati Alangaa Waliigalaa.
 
Qaama seera kabachiisuuf hawaasni ajajamuu akka qabus waamicha dhiyeessaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.