Fana: At a Speed of Life!

Har’a qophii Tarsiimoo Misooma Haaraa magaalaa Finfinnee ifatti eegalchiisneerra- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Hagayya 14, 2016 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti qophiin tarsiimoo misoomaa haaraa ifatti eegaluu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.
Tarsiimoon kun carraa fi qabeenya magaalichaa fedhii guddataa dhufe waliin wal simsiisuun qormaatilee xiqqeessuun misooma magaalaa Finfinnee saffisuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.
Yaadama misooma magaalaa haaraa fi qindoomina qabu akka hammatus kaasaniiru.
Hojiilee misoomaa karaa saayinsaawaan eegalamuun fudhatamummaa argatan cimsuun babal’isuuf akkasumas pilaanii magaalaan fuulduratti ittiin hogganamtu irra deebiin fooyyessuuf akka gargaaru bsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.