Fana: At a Speed of Life!

Har’a kooridaroota haaraa yoo eegalchiisnu misoomaa fi suphaan taasifaman boqonnaa irra ga’ame kan ce’an ta’u yaadachuu qabna-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)- Har’a kooridaroota haaraa yoo eegalchiisnu misoomaa fi suphaan taasifaman boqonnaa irra ga’ame darbanii kan ce’an ta’u yaadachuu qabna jedhan Ministirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad, gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti magaalonni lammiilee egereef jireenya kabajaan guute gonfuuf mijatoo akka ta’an qopheessuu barbaachisaadha.

Magaalummaan babal’achaa akka adeemuu himanii, “Nutis magaalota mijatoo fi waaraa uumuuf meeeshaalee hundaa qabna” jedhaniiru.

Kooridaroota magaaloota misoomsuuf kanneen hirmaataan hundaa galateeffatanii, sagantaan beekkamtii har’aas naannawaa magaalaa fooyya’aa uumuuf tattaaffii fi hojii cimaa kan calaqqisiisuu ta’uu himan.

Boqonnaa jalqabaarraa barnoota hedduuu barachuu ibsuun, boqonnaa ittaanu adeemsa addaan hincinnee fi naamusa hojiin kan milkeeffaman daran cimsuuf ka’uu himaniru.

“Har’aa kooriidaroota haaraa ifatti wayita jalqabnsiisnu, misoomawwanii fi suphaawwan gaggeeffaman boqonnaa irra geenye darbanii kan ce’an ta’uu yaadachuu qabna” jedhaniiru.

Dabalataan hojii faayida qabeessaa kana babal’isuuf tattaaffii taasifaman fi koridaroonni hojjetaman, sadarkaa biyyaalessatti kantiibota 11’n hojii walfakkaataa eegalan akka fakkeenyaatti kan tajaajilaniin ta’uu dubbataniru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.