Fana: At a Speed of Life!

Hanqinni dhiyeessii Simmintoo fi Sibiilaa hojiilee ijaarsarratti dhiibbaa uumaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2013 (FBC) – Hanqinni dhiyeessii Simmintoo fi Sibiilaa hojiilee ijaarsarratti dhiibbaa uumaa jiraachuu Waldaan Dhaabbilee  Hojii ijaarsaa ibse.
Dhaabbileen Hojii Ijaarsaa sodaa hojjettoota gaggeessurra ga’uu waldichi beeksiiseera.
Waldaan dhaabbilee Hojii ijaarsaa rakkoolee Indaastirii ijaarsarratti muul’atu ilaalchisee ibsa miidiyaaleef laateen, dhaabbileen ijaarsaa hojjettootaf mindaa kaffaluuf rakkachaa jiraachuu ibseera.
Hanqinni dhiyeessii maashaalee daraan hammachaa dhufuu isaaniin damichi rakkoo guddarratti kufuu itti aanaa walitti qabaan Boordii Waldichaa Injiinar Yesuuf Mahaammad himaniiru.
Keessattuu hanqinni dhiyeessii Simmintoo fi Sibiilaa haalaan hammachuu kaasaniiru.
Gatiin Simminitoo kuntaala1 birrii 290 akka ta’u murtaa’uus gabaarratti birrii 700n gurguramaa jiraachuu eeraniiru.
Dhaabbileen ijaarsaa hojiin akka adda hin cinneef gatii qaalii kan bitanii hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Akka Ityoophiyaatti dhaabbileen Ijaarsaaa kumni 22 ol jiraachuu ragaan waldicharraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.