Fana: At a Speed of Life!

Hanqina qulqullina barnootaaf gahee olaanaa taphataa kan ture gabaasa sobaati – Dooktar Tolaa Bariisoo

Finfinnee, Mudde 10, 2017 (FMC) – Godina Jimmaatti Koonfiraansiin Barnootaa gaggeeffameera.

Godina Jimmaatti bara barnootaa sadan darban keessa manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 46 barattoota isaanii tokkollee gara barnootaa sadarkaa olaanootti kan hin dabarsine ta’uu ibsameera.

Godinichatti sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuuf hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa godinichaa Obbo Miiftaah Abdulqaadir konfiraansicharratti ibsaniiru.

Hanqina qulqullina barnootaaf gahee olaanaa taphataa kan ture gabaasa sobaa ta’uu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon ibsaniiru.

Gabaasa sobaa keessaa bahuun dirqama ta’uu akeekkachiisaniiru.

Abdurahmaan Mahammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.