Fana: At a Speed of Life!

Hanqina oomishaalee qonnaa gabaa irratti mul’atu furuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Hagayyaa 15, 2012 (FBC) – Hanqina oomishaalee qonnaa gabaa irratti mul’atu furuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.
 
Sababii guddaan hanqinni oomishaalee qonnaa gabaarratti mudatuuf daldaltoonnii fi qonnaan bulaan yeroo qaalii eeggachuuf oomisha olkaa’udha jedhe koreen tasgabbii gabaa fi to’annoo qaala’iinsa gatii.
 
Walitti qabduun koree tasgabbii gabaa fi to’annoo qaala’iinsa gatii, itti aantuun preezdaantii fi qindeessituun kilaastara misooma magaalaa Oromiyaa aadde Caaltuu Saaniin akka beeksisanitti rakkinicha furuuf qindoominaan hojjetama ajira.
 
Aadde Caaltuun bittaa fi gurgurtaa qaama lama gidduutti raawwatuu fi sosochii diinagdee qaamni muraasni haala ilaallatee tasgabbii dhoorkuu barbaadu to’achuuf hoggansi kutannoo qabaachuu qaba jedhan.
 
Korichi gabaasa sosochii gabaa godinaalee 4 fi magaalota Oromiyaa 10 irraa ragaa akka fakkeenyatti fudhachuun irratti mari’ateera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.