Hanqina humnaa muudachaa jiru waaraan furuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Fedhii humnaa daraan dabalaa jiru guutuu fi Hanqina humnaa muudachaa jiru waaraan furuuf hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa beeksiise.
Sababa dulloomuu sarara raabsaan hanqina humnaa muudachaa jiruu waaraan furuuf hojiileen sararoota Raabsaa fooyyeessuu hojjetamaa jiraachuu Tajaajilichi ibsame.
Hojiin fooyyeessaa kun kutaalee sadiin qoodamuun dhaabbilee Chaayinaa fi Hindiin hojjetamaa jiraachuu ibseera.
Bittaan meeshaalee hordoffii fi to’annoo humnaa akkasumas osoo sarara adda hin kutin suphaa walitti fufiinsaan buufataalee xixiqqaa fi tiraansifoormaroota proojektichaaf oolan adeemsifamaa jiraachuu ibsameera.
Waliigala Doolaara Ameerikaa miiliyoona 80 ol baasii taasiisuun hanqina mudachaa jiru waaraan furuuf hojjetamaa jiraachuu himeera.
Maallaqni kunis Baankii addunyaarraa kan argame ta’uu ibsameera.
Raawwiin Proojektichaa % 69 irra kan ga’e yoo ta’u, xumura bara baajataa kana guutumaan guutuuttu ni xumuramaan eegama.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.