Fana: At a Speed of Life!

Hanqina Dhiyeessii Simmintoo furuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan ni hojjetama – Obbo Gabramasqal Caalaa

Finfinnee, Sadaasa 9, 2015 (FBC) – Hanqina Dhiyeessii Simmintoo furuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaan ibsan.

Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa oomishtoota Simmintoo waliin marii taasiseera.

Oomishaa fi oomishtumma Simmintoo dabaluuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu marichaan ka’eera.

Rakkoolee yeroo ammaa hanqina dhiyeessii Simmintoo muudachaa jiru furuuf oomishtoonni, daldaltoonnii fi kutaaleen hawaasaa qooda isaanii ba’uu akka qaban Obbo Gabramasqal Caalaan dhaamaniiru.

Hanqina yeroo ammaa muudataa jiruuf sababni guddaan oomishtoonni Simmintoo humna guutuun oomishaa waan hin jirreef ta’uu kaasaniiru.

Rakkicha furuuf ministeerichi qooda fudhattoota damichaa waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.