Fana: At a Speed of Life!

Hanqina dhiyeessii simintoo furuuf hojjetamuu akka qaba

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) –Hanqina dhiyeessii simintoo furuuf hojjetamuu akka qabu himame.

Dhiyeessiin simintoo hanqina qabaachuu bira darbee gatiin isaa dabaluun damee ijaarsaa irratti gufuu ta’aa jira.

Ityoophiyaa keessatti oomishtoonni simintoo lakkoofsan xiqqaa ta’uu qofa osoo hin taane, warreen jiraniyyuu humna qabaniin oomishaa hin jiran jedhameera.

Dhagaan cilee oomisha simintoof oolu alaa galuun isaa oomishtummaa irratti dhiibbaa olaanaa kanneen uumuun keessa isa tokko ta’uun ibsameera.

Albuunni dhagaan cilee %60 kan alaa galuu yoo ta’u Ityoophiyaan bara darbe keessa qofa bittaa isaaf Doolaara Ameerikaa miiliyoona 2 baasii gootee jirti.

Akka qorannoon agarsiisutti Ityoophiyaa keessaa albuunni dhagaa cilee hedduun jiraachuu fi dhaabbileen dameen kanaan eeyyama fudhatanii hojiitti bobba’anis hedduudha.

Bu’aan damicharraa argamaa jiru garuu muraasa.
Dargaggoonni ijaarramuun hojii kana irratti bobba’an bu’aan argamsiisaa jiran gadi aanaa ta’uu ibsameera.

Hanqina kana furuuf dhaabbileen albuuda dhagaa cilee baasuuf ulaagaalee guuttaatan jiraannan eeyyama kenuuf balballi banaadha jedhu ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Dooktar Saamu’eel Urqaattoon.

Biyyaattii keessa Albuunni dhagaa cilee iddoolee 20 olitti kan argamu ta’uu qorannoon ni mul’isa.

Yeroo ammaatti Interpiraayizoonni naannoolee oromiyaa fi Kibbaa albuuda dhagaa cilee dhiyeessaa jiraachuu Dooktara Saamu’eel ibsaniiru.

Seerri albuuda hammatu dhabamuun isaa dhaabbileen hojii kana irratti bobba’an hojicha dhaabuuf akka dirqaman taasisuu himaniiru.

Dhaabbileen kunneen gara hojiitti akka deebi’aniif naannoolee waliin mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Oomisha simintoo alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuuf galteewwan oomishichaaf barbaachisu guutuuf ni hejjetama jedhan Dooktar Saamu’eel.

Hanqinaalee hanga ammaatti jiruuf maddi damichaan seerii ifa ta’e dhabamuu isaati jedhu Komishinarri Plaanii fi Misooma Albuudu Biyyaaleessaa Dooktar Fitsum Asaffaa.

Dameen Albuudaa diinagdee biyya keessatti shoora isaa akka ba’uuf seera bulchiinsa albuudaa qopheessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hawaasni naannoo Albuudaa fi dhaabbileen haala waliin fayyadamuu danda’an irratti hojiin hojjetame hin turree, kun ammoo rakkoo guddaa ta’ee jira jedhu Dooktar Fitsum.

Sababa kanaaf kanneen biroon dhaabbilee hojii dhaaban hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.