Hanqina dhiyeessii Oomishaalee waaraan furuuf naannoleerraa galchuuf waliigalameera – MDWHN
Finfinnee, Bitootessa 7, 2015 (FBC) – Daldaltoonni Faddaaltootaan deeggaramuun shira gabaa xaxaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa beeksise.
Ministeerichi haala waqtaawaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laateera.
Oomishni gahaan osoo jiru Daldaltoonni Faddaaltotaan deeggaramuun shira gabaa xaxaa jiraachuu eereera.
Naannolee waliin ta’uun qaamolee kanneenirratti tarkaanfii seeraa fudhachuuf waliigalamuu himeera.
Hanqina dhiyeessii Oomishaalee waaraan furuuf naannoleerraa galchuuf waliigalamuu ibseera.
Karaa Shamattootaa fi gabaa Dilbataan oomishaalee hawaasaaf baayyinaan dhiyeessuuf kan hojjetamu ta’uu ministeerichi ibsa isaan himeera.
Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa, hoggantoonni Biiroolee daldalaa Naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi Waldaalee Hojii Gamtaa waloon ibsa kana laachuu eerameera.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.