Fana: At a Speed of Life!

Hannii fi waliin dha’uun mallaaqa idil addunyaa teeknooloojiin deeggarame fashala’uu Tajaajilli Odeeffaannoo fi Nageenya Biyyaaleessaa beeksise

Finfinnee, caamsaa 2, 2012 (FBC) – Hannii fi waliin dha’uun mallaaqa idil addunyaa teeknooloojiin deeggarame fashala’uu Tajaajilli Odeeffaannoo fi Nageenya Biyyaaleessaa beeksise.

Tajaajilichi sirna daddabarsa mallaqaa idil addunyaa fayyadamuun yakkaa hannaa fi waliin dha’uu doolaaraa Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miilyoona 10 to’annoo jala oolchu ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif eergen beeksiseera.

Tajaajilli Odeeffaannoo fi Nageenya Biyyaaleessaa ibsichaan akka beeksiseetti, shaakkamichi Kaaliifoorniyaa kan jiraatuu yoo ta’u, maqa nama dhuunfaan Niil Chaarils jedhamuu doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibbi 1 miiliyoona 10 baankiitti qusatamee jiru akka waan abbaan heerregicha ajajeetti fakkeessuun magaalaa Finfinnee Baankii Daldalaa Ityoophiyaa damee Finfinneetti baasuuf malootaa waliin dha’uu qindeessaa akka ture beeksiseera.

Daddabarsa mallaqaa seeraan alaa fi yakkii hannaa kun hordoffii tajaajila odeeffaannoo fi nageenya biyyaaleessaa jala kan turee yoo ta’u, Caamsaa 1, 2012 marsaa jalqabaan Birrii miiliyoona 60 fi 990 ol heerrega baankiicharraa turee baasuun konkoolaataa qopheessen fudhee deemuuf osoo yaaluu achumaa baankii keessatti pooliisin to’atamuu beeksiseera.

Yakkiicha qindeessuun kanneen beekaman keessaa tokkoo lammii Naayijeeriyaa kan ta’e Adeymi Aderemi Abdulrafiu jedhamuu Ityoophiyaa keessatti Boolee aanaa 1 iddoo boqonnaa keessumeessitoota Shaggar guyyaatti Birrii 450 kaffaluun waggaa 1 ol jiraachuun ergama isaa ba’aata tureera.

Yakka kanaan yeroof lammii Naayijeeriyaa 1 fi Ityoophiyaanoonni 5 waliigala namoonni 6 hordooffii taasifameen to’annoo jala olaaniiru.

Warreen hafaan to’annoo jala oolchuuf Tajaajilli Odeeffaannoo fi Nageenya Biyyaaleessaa hordooffii taasisuu cimsee akka itti fufuus beeksisera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.