Fana: At a Speed of Life!

Hannaa fi waliin dhahiinsa lafaarratti raawwatamu ittisuuf hojiin eegalame cimee itti fufa – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 11, 2015 (FBC) – Hannaa fi waliin dhahiinsa qabeenya lafaarratti raawwatamu ittisuuf hojiin eegalame cimee kan itti fufu ta’uu Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.

Qabeenya murtaa’aa kan ta’e lafa Kaadaasteeran galmeessuuf hojiin eegalame haala gaariin hojjetamaa jiraachuu Aadde Adaanach fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Rakkoolee damichaan jiran furuun hannaa fi waliin dhahiinsa damee lafaarratti raawwatamu ittisuuf hojiileen eegalame cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Bulchiinsi magaalichaa qabiyyee lafaa mirkaneessuuf hojii lafa kaadaasteraan galmeessuu waggaa 10 dura eegaluun isaa kan yaadatamuudha.

Bara 2008 – 2011tti qabiyyeen lafaa kumni 118 olii fi manneen waliin jireenyaa kumni 161 kaadaasteraan galmaa’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.