Fana: At a Speed of Life!

Hangaariin tumsa Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu beeksifte

Finfinnee, Eebla 10, 2015(FBC)- Hangaariin damee barnootaan tumsa Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu beeksifiteerti.

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan Ministira Dhimma Alaafi Ministira Daldalaa Hangaarii Piitar Siyaartoo waliin mari’achuu ibsameera.

Mariin isaanii dhaabbilee barnoota olaanoorratti waloon hojjechuu haala danda’anirratti xiyyeeffachuu eerameera.

Carraa barnootaa Hangaariin barattoota Ityoophiyaaf kennitu haala guddisuun danda’amurratti mari’achuus ibsameera.

Bu’uuruma kanaan carraa barnootaa biyyattiin barattoota Ityoophiyaaf kennitu waggaatti barattoota 50 irraa gara 100tti guddisuu ibsamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.