Hanga ammaatti laftii heektarri Miiliyoonni 2.9 ol facaa’eera Pireezidaantii Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Amajjii 7, 2017 (FMC) –Hanga ammaatti lafti heektarri miiliyoonni 2.9 facaa’uu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan ibsan.
Qonni mala jireenyaa baramaa ummata keenyaa ta’ee ittifufus, baroota dhufaa darbaniif murteessummaa naannawaa (geographic determinism) kanniin akka ‘agro-ecology’, waktiilee, haala biyyoo, mala omishaa (teeknoolojii)’fi kkf jala ture.
Kanarraa kan ka’e, ummanni keenyas, haala hawaas-dinagdee gadaanaa fooyya’iinsa hinagarsiifne keessa turuuf dirqameera.
Mootummaan Jijjiiramaa keenyas, galma badhaadhina hundagaleessaa qabate milkeessuf haala hawaas-dinagdee kana hundeerraa jijjiirun dhimma murteessaa ta’uu hubachuun hojiitti gale.
Bu’uuruma kanaan toorawwan qabiyyee sagal (09) adda baasun qonna naannichaa irratti tarkaanfii tarsiima’aa fudhachuu irratti argama.
Toorawwan qabiyyee kunniin maddisiisa/madaqsa teknoolojii, mekaanayizeeshinii, jallisii, dhiyeessii galteewwanii, tajaajila eksiteenshinii, gaboomsuu (commercialization), hammatummaa faayinaansii baadiyaa (rural financial inclusion), eegumsa qabeenya umamaafi dandeessisumma dhaabbilee (institutional enablers) kan hammatanidha.
Toorawwan qabiyyee kunniin hojiirra olchuudhaan hundaa’ol, Gannaafi Afraasaa qofa osoo hintaane Bonaafi Birraa baldhinaan omishuutti ce’uu dandeenyerra.
Agarsiiftuu tokko yoofudhanne, inisheetivii qamadii boneetin, imala waggaa shanii booda, bara 2016, lafa hektaara .miiliyoona . 2.8 ol ta’u boneen misoomsuun, fuula seenaa haaraa uwwisni qamadii bonee kan gannaa itticaale banneerra.
Bara 2017 ammoo carraa roga hundaan qabnu sakatta’uufi qindeessuun uwwisa qamadii bonee keenya hektaara .miiliyoona . afuriin (04) gahuuf karoorsinee hojjachaa kan jirru yoota’u, hanga guyyaa kaleessatti laftii heektarri Miiliyoonni 2.9 ol facaasuu dandeenyerra.
Tarkaanfiilee tarsiima’aa kanniinin, galmoota sektara qonnaa: wabii nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii umuu, omisha al-galchii biyya keessatti bakka buusufi al-ergii dabaluu irratti jijjiirama qabatamaa argamsiisaa kan jirru yoota’u, ummata keenya birattis xurree cehumsa hawaas-dinagdee arguu jalqabneerra.
Jalqabbiin keenya jajjabeessaa ta’ullee, xurree milkaa’inaa muldhataa jiru kana lafa qabsiisuuf, sosochii idileessuu, karoorafi raawwii keenya dilbii qabnuun madaalufi oomishtummaa keenya daran guddisuu irratti xiyyeeffannee hojjachuu akka qabnu hoggansa sadarkaan jiru, qooda-fudhattootaa fi aantota misoomaa keenya hundaaf dhaamuun barbaada.